Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Ruwaandaa waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa Idil Addunyaa 5ffaa Finfinneetti gaggeeffaamaa jiruun cinaatti Ministira Muummee Ruwaandaa Dooktar Jastiin Nisiingiiyumiivaa waliin mari’ataniiru.
Dooktar Abiy gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Ministira Muummee Ruwaandaa waliin akkaataa tumsa waloo guddisuun danda’amurratti yaadota wal jijjiireerra jedhan.
Akkasumas, dameewwan faayidaa waloo qaban irratti tumsa qaban caalmaatti cimsuuf carraawwan jiranirratti mari’achuu ibsaniiru.