Fana: At a Speed of Life!

Humna Galaanaa Itiyoophiyaa, seenaa kaleessaa deebiisuuf gurmaa’e

Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) –Bara mootii Aksumii jalqabee Galaanni Diimaan seenaa Itiyoophiyaa keessatti guddummaa fi qaroomina Itiyoophiyaa ibsaa kan ture ta’uusaa seenaan ragaadha.

Buufataalee seenaa qabeessa kanneen akka Adulis, Mitsuwwaa, Asabii fi Zayilaa fayyadamuun daldala idil-addunyaa gaggeessaa turte.

Akkasumas, bara mootummaa Mootii Atsee Kaaleeb, Galaana Diimaa ce’uun nageenya naannichaa fi birmadummaa ishee kabachiisaa turte.

Bara Mootiin Kaaleeb jaarraa 6ffaa keessa Dooniiwwan Waraanaa 70 ol qopheessuudhaan Humna Galaanaa guddaa agarsiisanii turan.

Humna Galaanaa cimaa ijaaruu fi naannawaa bishaanii sodaa jirurraa eeguu, sosochii seeraan alaa to’achuu, haleellaa waraanaa qaqqabuu danda’u qolachuuf akkaan murteessadha.

Bara qaroomina Aksumii eegalee Atsee Yohaannis, Raas Aluulaa Abbaa Naggaa fi kanneen biroon daangaa Galaana Diimaa kabachiisuuf wareegama kaffalaniiru.

Seenaa ammayyaa keessatti, Humni Galaanaa Itiyoophiyaa bara 1948 buufata Mitsuwwaatti hundeeffamee, dhaabbilee humna galaanaa Afrikaa keessatti beekamoo ta’an keessaa tokko ture.

Dooniwwan waraanaa ammayyaa fi sadarkaa idil addunyaa eeggattan, humna namaa ga’umsa qabuun kan ijaarme humni galaanaa kun, Daangaa galaanaa biyyattii eeguu qofa osoo hin taane, nageenya daandiiwwan daldalaa Galaana Diimaa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa ta’uu hojiin mirkaneesseera.

Yeroo dhihoos buufataale akka Asabii fi Mutsuwwaan humna galaanaa cimaa fi buufataalee daldalaa qabaachaa kan turte yoo ta’u, kanaanis naannawichatti dhiibbaa siyaasaa fi nageenyaa murteessaa qabaataa turte.

Bara 1983 mootummaan Dargii kufuu hordofee Eertiraan shiraan Karra Galaanaa kana fudhatte.

Miidhaan Itiyoophiyaarratti raawwatame kun bulchiinsa yeroo sanaa tureen callisaan darbameera.

Dhimma kana kaasuunis akka yakka hamaatti ilaallamaa ture.

Shirri galaana Diimaa Itiyoophiyaan akka dhabdu taasifame kunimmoo hawaasa biyyattiirratti rakkoo hamaa fideera.

Amma Mootummaan Ida’amuu gaaffiin mirga abbummaa karra Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaa qofa osoo hin taane dhimma bu’uura nageenya naannawaa ta’uu hubachuun xiyyeeffannoon hojjetaa jira.

Humni Galaanaa Itiyoophiyaa bifa haaraa fi Teeknooloojii ammayyaan irra deebiin hudaa’eera.

Yeroo ammaa Humni Galaanaa Itiyoophiyaa ga’umsa lafa, qilleensaafi galaana irratti dirqama isaa bahachuuf dandeessisurratti argama.

Humni Galaanichaa itti gaafatamummaa kennameef ga’umsaan raawwachuuf qophaa’ummaa qaamaafi xiin-sammuu ga’aa kan qabuudha.

Seenaa kaleessaa humnichaa gurmaa’insa ammayyaa yeroo madaaluun ijaaruun faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu fi seenaa galaanaa diimaa irra deebiin raawwachuuf qophii ta’eera.

Siifan Magarsaatiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.