Sulxaaneetiin Afaar Dooktar Abiy Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarse
Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Sulxaaneetiin Afaar Ahimad Alii Miiraahiin Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaaf ergaa baga gammaddanii dabarseera.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu hordofee Sulxaaneetiin Afaar ergaa baga gammaddanii dabarseera.
Paartichii fi Dooktar Abiy Ahimad waggoottan darban keessaa hojiilee siyaas diinagdee guddina olaanaa galmeessan raawwachuu ibse.
Jijjiiramoonni kunneen misoomaa fi badhaadhina hundagaleessa, akkasuma tokkummaa biyyaalessaa cimsuurratti kan xiyyeeffatan ta’uu hime Sulxaaneetichi ergaa dabarseen.
Ummanni Itiyoophiyaa ciminaa fi hirmaannaa ho’aa filannoo waliigalaa 7ffaarratti mul’ise dinqisiifateera.
Kanaanis paartii biyyaaf ta’u filachuuf namuusaa guddaa agarsiise galateeffateera.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad adeemsa jijjiirama hundagaleessaa eegalan caalmaatti akka cimsan amantaa qabaachuu ibse Sulxaaneetichi.
Sulxaaneetiin Afaar badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tumsa barbaachisu kan taasisu ta’uu mirkaneessera.
#Oromia #Ethiopia