Eemiiriin Kaataar Dooktar Abiy Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsan
Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Eemiiriin Kaataar Sheek Taamiim Biin Haamaad Al Taaniin Dooktar Abiy Ahimadii fi Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Dooktar Abiy Ahimadii fi Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu injifachuu keessaniif baga gammaddan jedhan Sheek Taamiim ergaa isaaniin.
Sheek Taamiim Biin Haamaad Al Taaniin, Dooktar Abiy Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaaf bara hojii gaarii hawwaniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia