Fana: At a Speed of Life!

Waliingahiinsa Faayinaansii babal’isuufi hoggansa Dubartootaa guddisuuf hojjetamaa jira- Dooktar Iyyoob Takkaallinyi

Finfinnee, Adoolessa 4, 2018 (FMC)- Waliingahiinsa Faayinaansii babal’isuufi hoggansa Dubartootaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dookltar Iyyoobn Takkaallinyi.

Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa dubartoota dargaggoota kuma tokko leenjii hoggansaa fi bu’uura barnoota faayinaansii irratti leenji’an eebbisiiseera.

Dooktar Iyyoob wayita kana, Waliingahiinsa Faayinaansii babal’isuufi hoggansa Dubartootaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Fayyadamummaan faayinaansii dubartootaa bara kana fooyya’iinsa agarsiisuu eerani, fayyadamummaa caalu mirkaneessuuf hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Sagantaa kanaan gamaggama iskoorkaardii taasifameen baankotni 32 darbuun eerameera.

Dabalataanis, baankota biyyattii keessatti fooyya’iinsa hammatamummaa faayinaansii dubartootaa hordofuuf kan dandeessisu, Iskoorkaardii Hammatamummaa Faayinaansii Dubartootaa ifoomeera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.