Mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf bobbii milkaa’aan gaggeeffameera – Tajaajilicha
Finfinnee, Adooleessa 18, 2018 (FMC) – Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa bobbii milkaa’aan mootummaa cimaa fi tasgabbaa’aa ijaaruuf gargaaruu gaggeeffameera jedhe.
Tajaajilichi raawwii hojii bara bajataa 2018 gammaaggameera.
Jalqaba bara bajataa 2018 irraa eegalee haala qabatamaa addunyaa, naannoo fi biyya keessaa gadi fageenyaan hubachuun fi yaaddoowwan dursee xiinxaluun hojii irra ooluun ibsameera.
Keessumaa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa wiirtuu nageenyaa taasifachuun kaayyoo ijoo bara bajatichaa kallattii kaa’ameen milkeessuun mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf adeemsa gaggeeffamaa jiru keessatti gahee olaanaa bahuu danda’uun eerameera.
Faayidaaleen biyyaalessaa akka kabajamanii fi guddatan, akkasumas sochiileen nageenya lammiilee irratti balaa geessisan ilaalchisee odeeffannoo yeroo isaa eeggate karaa adda addaan walitti qabuun, qindeessuun fi xiinxaluun qaamolee murtii kennanii fi dirqamawwan ooppireeshiniif oolchuu danda’uun ibsameera.
Kanaanis gareewwan shororkeessitootaa fi hidhattootaa odeeffannoo, loojistikii fi marsariitii shororkeessummaa isaanii diiguun, akkasumas filannoo karaa nagaan gaggeessuun yaaddoowwan hedduu biyyaaf sodaachisaa turan fashaleessuun danda’amuu tajaajilichi beeksiseera.
Fooyya’iinsi diinagdee gooroobu’aa argamsiise faallessuuf sochiileen taasifaman fi seeraan alaa diinagdee keessatti raawwataman ittisuun gaaffilee bu’uuraa lammiilee deebisuuf bobbaasiin odeeffannoo fi hojiiwwan gaggeeffaman keessatti namoonni hedduun hojii seeraan alaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu taasifamuu ibseera.
Tajaajilichi bobbii odeeffannoo alaatiinis milkaa’inoota faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa sadarkaa olaanaatti mirkaneessan galmeessuu ibseera.
Kanaanis jijjiiramoota madaallii humnaa fi adeemsa ji’oo-pooleetikaa sadarkaa naannoo fi addunyaatti mul’atan hubachuu fi xiinxaluun nageenya biyyaalessaa, faayidaa fi kabaja Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kallattiiwwan hordofamuu qaban gargaaran odeeffannoo tarsiimawoo walitti qabuun fi tamsaasuun jijjiirama qabatamaa fiduu danda’uun ibsameera.
Dhaabbilee biyya alaa michuuwwan waliin hojii tumsaafi michummaa qajeelfama eeggatee gaggeeffameenis shororkeessummaa, yakka daangaa ce’ee raawwatamu fi daddabarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa seeraan alaa ittisuuf gahee olaanaa bahuun eerameera.
Bara bajatichaa keessatti sirna bobbaasa nageenyaa keessatti dhaabbilee mootummaa ijoo, bu’uuraalee misoomaa tarsiimoo kanneen akka Hidha Haaromsa Guddichaa fi taateewwan biyyaalessaa gurguddoo haala amanamaa ta’een eeguuf dandeettiin ijaaramee jiraachuun eerameera.
Sirni nageenya mirkaneessuuf ijaarame teknooloojiidhaan deeggaramee Itoophiyaan giddugala konfiraansii turizimii filatamtuu akka taatu gargaarsa taasisuun ka’eera.
Gama nageenya aviyeeshinii mirkaneessuun hojiiwwan hojjetaman Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa amanamaa fi filatamaa akka ta’u gahee isaanii taphachaa itti fufuu gamaaggamni kun ni mul’isa.
Bara bajatichaa keessatti milkaa’ina kana caalaatti guddisuuf hojiiwwan sirnaa fi teknooloojii irratti hojjetamanis milkaa’oo ta’uun isaanii ibsameera.
Dhaabbanni Aviyeeshinii Siivilii Addunyaa (ICAO) fi dhaabbileen madaallii biroo sakatta’a isaanii hanqina tokko malee xumuruun, akkasumas labsiin nageenya aviyeeshinii fooyya’ee ragga’uun milkaa’inoota galmaa’aniifⁿ fakkeenya ta’uun mirkanaa’eera.
Akka biyyaatti waraana xin-sammuu (psychological warfare) gaggeeffamu ittisuu fi qolachuuf hojiiwwan qindoominaa hojjetamaniin yaaliiwwan humnoota diinaa fashalaa’uu qofa osoo hin taane, hojiiwwan bal’aan tokkummaa biyyaalessaa fi walooma cimsan, akkasumas maqaa gaarii Itoophiyaa ijaaran hojjetamuun ibsameera.
Bara bajatichaa keessatti hojii odeeffannoo, nageenyaa fi waraana xin-sammuutiif oolan teknooloojiiwwan haaraa humna ofiitiin misoomsuun hirkattummaa alaa hir’isuuf hojiiwwan hojjetaman abdii guddaa kan kennan ta’uun ibsameera.
Fuuldurattis dhaabbata raawwii olaanaa qabu ijaaruuf hojiiwwan gaggeeffaman cimsuuf, kallattiiwwan fooyya’insa dhaabbatichaa ilaalcha haaraa hidhachiisan kaa’amuu odeeffannoon Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Faanaa Dijitaaliif ergee ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia