Fana: At a Speed of Life!

Gaara Fantaalleetti kirkirri lafaa dhohiinsaa fi aara qabu mudate

Finfinnee, Mudde 14, 2017 (FMC)- Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 4.6 galmeesse Gaara Fantaalleetti mudachuun eerame.

Yuunivarsiitii Finfinnetti Inistiitiyuutii Ji’oo Fiiziksii, Saayinsii Hawaa fi Astiroonoomitti Itti Gaafatamaan Muummee Barnootaa Seesmooloojii Pirofeesar Attaalaay Ayyalaan, naannawaa Awaash Aanaa Fantaalleetti Mudde 10, 2017 irraa eegalee kirkirri lafaa mudachaa turuu himan.

Har’as sa’atii 9:00 irraa eegalee kirikirri lafaa olaanaan Reektar iskeelii 4.6 galmeesse mudachuu Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.

Taatecha hordofee kirkirrii fi mallattoon jijjiguu gaaraa mul’achuu ibsaniiru.

Kirkirri lafaa naannawichatti mul’atu guyyuu dabalaa jiraachuu ibsanii, jiraattotarratti rakkoo akka hinhordofsiifneef itti dhiyeenyaan hordoffii taasisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Bulchaan Godina 3 Naannoo Afaar Obbo Abdoo Alii Abubakar gama isaaniin kirkirri har’a mudate sagalee dhohiinsaa dhageessisuu fi aaraa kan mul’ise ta’uu himaniiru.

Jiraattoonnis sagalee dhaga’amee fi kirkiraa mudateen yaaddoo keessaa galuu ibsan.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.