Fana: At a Speed of Life!

Waltajjichi Paartileen Siyaasaa Misooma Waaraa Afrikaafi Fayyadamummaa Ummataaf Gahee Isaanii Akka Bahatan kan dandeessisuu dha — Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Waltajjiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaan paartileen siyaasaa misooma waaraa ardichaa fi fayyadamummaa waliigalaa ummattootaaf gahee irraa eegamu akka bahan faayidaa olaanaa qabaachuu Itti Gaafatamaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Huriisaan ibsaniiru.

Waltajjiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaan mata duree “Guddina Hogganuu; Paartileen Siyaasaa Akka Injinaroota Diinagdee Egeree Afrikaatti” jedhuun Magaalaa Finfinnee, Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.

Dooktar Biqilaan waltajjicha ilaachisuun akka dubbatanitti, waltajjichi paartileen siyaasaa guddina diinagdee ardichaaf, misoomaa fi fooyya’iinsa jireenya lammiileetiif gahee olaanaa akka bahatan kan isaan dandeessisudha.

Paartileen siyaasaa aangoorra jiranis ta’e morkattoonni jijjiirama diinagdee fi hawaasummaa biyyoota isaanii, akkasumas carraawwan misoomaa keessatti gahee qaban hubatanii wal tumsuun akka hojjetan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Paartileen siyaasaa yeroo filannoo dorgomanii mootummaa ijaaruuf dorgomuu bira darbee, hiyyummaa hir’isuu, carraa hojii uumuu fi jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti itti gaafatamummaa waloo isaanii bahachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Waltajjiin dubartootaa fi dargaggootaa, waltajjii paartilee siyaasaa dura eegale, dubartoonni fi dargaggoonni lakkoofsaan baay’inaan ardicha keessatti argaman haala dameewwan siyaasaa, sochii diinagdee fi hoggansaa keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii ittiin guddisan irratti mari’achuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Waltajjiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa kun xumura irratti ibsa ejjennoo baasuun akka xumuramu ibsameera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.