Pireezidaantiin Angoolaa Finfinnee galan
Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Angoolaa Zyaawoo Maanu’eel Goonsaalvees Looreensi Yaa’ii 38ffaa Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Finfinnee gahan Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xirunaan simatamaniiru.
Yaa’ii Idilee 38ffaan Hoggantoota Gamtaa Afrikaa Guraandhala 8 – 9, 2017tti Finfinneetti taa’ama.
Malaakuu Gadifi fi Biruuktaawiit Afaruutu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa