Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaanti Vilaadimiir Puutiin waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 19, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin waliin mari’ataniiru.

Hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii gama raayyaa Ittisaan jiru caalmaatti cimsuun danda’amurratti marii bu’aa qabeessa taasifneerra jedhan Dooktra Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduutti michummaa yeroo dheeraaf ture cimsuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu kaasan.

Marii kun dameewwan anniisaa Niwukilaarii, Fayyaa, Daldalaa fi misoomaa waloon qabnu caalmaatti akka cimsu nan abdadha jedhan.

Dabalataanis, kitaaba Ida’amuu kan Afaan Raashiyaan maxxanfame Pirezidaant Puutinif kenneera.

Kunis kutannoo waliinii keenya, waliigaltee fi hariiroo Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru itti fufiinsaan guddisuuf qabnu kan mul’isa jechuun ibsan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.