Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan dorgommii teeknooloojii Idil Addunyaa keessatti dammaqinaan hirmaachuu qabdi-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)- dirree Dijitaalaa saffisaan dagagaa jiru irratti hirmaattotaa dorgommichaa ta’uu mirkaneessuuf Afrikaan dorghommii teeknooloojii Idil Addunyaa keessatti dammaqinaan hirmaachuu qabdi jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Sirna baniinsa Yaa’ii 38ffaa Gamtaa Afrikaarratti Dooktar Abiy Ahimad haasawa taasisaniin, saffisaan guddachaa kan dhufee teeknooloojiin hubannoo namtolchee diinagdee fi hawaasummaa ceesisuuf humna olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Damee hubannoo namtolchee, anniisaa haareffamaa fi teeknooloojii bilbilaan qindeessuun jijjiirama qabeenya qilleensaa, hanqina bu’uuraalee misoomaa fi rakkoolee fayyaa hawaasaa akkasumas rakkoole waloo biroo furuuf gargaara jedhaniiru.

Waa’ee walabummaa odeeffannoo, hirmaachisumma fayyadamummaa teeknooloojii fi misoomaa haasawaa isaaniin bal’inaan kaasaniiru.

Tewoodiroos Saahleetu gabaase

#AU #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.