Fana: At a Speed of Life!

Nageenya Galaana Diimaa Gaanfa Afrikaa eegsisuuf, biyyootni naannichaa michummaa amanamaa ta’e cimsuu qabu — Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) – Gaanfa Afrikaatti Sodaa finxaalessummaa fi shororkeessummaa qolachuun Nageenya Galaana Diimaa eegsisuuf, biyyootni naannichaa michummaa amanamaa ta’e cimsuu qabu jedhan Daayrekterri Jeneraalaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.

Fooramiin Xaanaa 12ffaan mata duree “Karaa Nagaa Afrikaa keessatti, birmadummaa Dinagdee fi Jijjiirama qubsama siyaasaa’ jedhuun Magaalaa Bahiirdaaritti gaggeeffamaa jira.

Yeroo ammaa qubsamni siyaasaa fi muddamni gaanfa Afrikaa daran hammaachaa dhufuu ibsan Ambaasaaddar Reedwaan fooramicharratti haasawa taasisaniin.

Naannawaan Gaanfa Afrikaa qabeenya uumamaa akka boba’aa, Albuudota murteessoo, biyyoo gabbataa fi bishaan hin tuqamne heddu qabaachuu kaasan.

Naannawichi sarara daldalaa Galaana Diimaa, Garba Hindii, Galaanaa Meeditiraaniyaanii walqunnamsiisuu waan ta’eef, bakka tarsiimawaa fi baay’ee murteessaa ta’uu isaa ibsan.

Kanaaf Gaanfa Afrikaatti Sodaa finxaalessummaa fi shororkeessummaa qolachuun Nageenya Galaana Diimaa eegsisuuf, biyyootni naannichaa michummaa amanamaa ta’e cimsuu qabu jedhan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.