Fana: At a Speed of Life!

Masoob Tajaajilli Giddugala Tokkoo riifoormii kenniinsa tajaajilaaf boqonnaa murteessaadha- Obbo Tamsgeen Xurunaa

Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Masoob Tajaajilli Giddugala Tokkoo kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa riifoormii mootummaaf boqonnaa murteessaadha jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamsgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan giddugalicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, ka’umsi giddugala tajaajila tokkoo tajaajilaafi bulchiinsa riifoormii mootummaa ta’uu ibsaniiru.

Guddinni biyyaa tajaajila lammiileef kennamuun kan murtaa’u akka ta’e kaasanii, lammiileen tajaajila si’ataa argachuu yoo baatan dhamaatii nama dhuunfaarra gahurra darbee diinagdee biyyaarratti dhiibbaa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Kaayyoon ijoo riifoormii siiviil sarvisii dhamaatii lammiileerra gahu hambisuufi tajaajila si’ataa malaanmaltummaarraa bilisa ta’e kennuu ta’uus himaniiru.

Masoob Tajaajilli Giddugala Tokkoo kenniinsa tajaajilaafi bulchiinsa riifoormii mootummaan eegale ariifachiisuuf boqonnaa murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila mootummaa ammayyeessuuf doolaara miiliyoona hedduu akka gaafatu muuxannoowwan hedduun kan akeekan ta’uu kaasanii, Itiyoophiyaan kana dandeettii mataa isheen dhugoomsiteetti jedhan.

Tajaajilicha adda kan godhu namoonni hojii kan itti hoogganan osoo hin taane hojiin hojjetaa kan itti hoogganu ta’uusaati jedhaniiru.

Tajaajilaman guyyaa itti iyyaterraa eegalee hanga xumuraatti adeemsa hojii jiru kan ittiin hordofuufi to’atu sirni diijitaalaa jiraachuu eeruun, hojjettoonni hojii lafarra harkisan bu’uura gabaasa teeknooloojiin kan itti gaafataman ta’uu ibsaniiru.

Hojjettoonni giddugalichatti ramadaman gahumsaan madaalamanii kan darban akkasumas tajaajilamaa kabajaafi si’aayinaan keessummeessuuf dandeettii kan qaban ta’uu himaniiru.

Masoobiin bakkeewwan biyyattii hundatti babal’isuuf karoorfamuu kaasuun, bu’uura Kanaan naannolee hundatti yoo xiqqaate tajaajila giddugala tokkoo tokko yeroo gabaabaa keessatti akka banamuuf kallattiin taa’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.