Mootummaan dhaabbilee biyyaalessaa cimsuuf murannoo cimaa qaba – TKM
Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Mootummaan dhaabbilee biyyaalessaa cimsuuf murannoo cimaa qabaachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Kana dura rakkoolee qaamoleen tokko tokko uumaniin abbootiin amantaa sadi Yaa’ii Siinoodoosii mana amataa Ortodoksii waloomarratti hirmaachuu hindandeenyeef haalli mijachuu himeera.
Dhaabbileen biyyaalessaa ijaarsa biyyaa keessatti qoodni qaban olaanaa ta’uu mootummaan waan hubatuuf waldhabdee abbootii Amantaa Ortodoksii waloomaa gidduutti uumame akka hiikkatu mootummaan qooda hoggansummaa bahachuun kan yaadatamuudha jedheera.
Manni Amantaa Ortodoksii waloomaa ijaarsa biyyaa keessatti qooda bahataa turtee fi bahachaa jirtu hubachuun mootummaan deeggarsa barbaachisu taasisaa turuu himeera.
Ejjennoon kunis kan itti fufu ta’uu ibseera.
Qaamoleen kana hin hubanne rakkoo uumanii turanis mootummaan mana amantichaa fi hordoftootaf jecha obsaan darbuuf murteesseera.
Kunis rakkoo namoota dhuunfaa caalaa gumaacha mana amanticha waan ilaaluuf ta’uu eereera.
Mootummaan rakkoon akka hiikkatu gaaffii Siinoodoosii fudhachuu tajaajilichi ibsa isaan himeera.
Waliin mari’achuun furmaata waaraa ta’uus ni amana.
Akkaatuma Siinoodoosiin mootummaan dhimmicha obsaan akka ilaalu gaafateen Dooktar Abunee Pheexiroos, Dooktar Abunee Teewoofiloosii fi Abunee Yaa’iqoob Yaa’ii Siinoodoosirratti hirmaachuu akka danda’an mootummaan deeggersa gochuu danda’u kan taasisu ta’uu ibseera.
#Oromia #Ethiopia