Xaa’oo uumamaa fi kan kemiikaalaa waliin makanii fayyadamuun oomishtummaa guddisa jedhame
Finfinnee, Ebla 30,2017(FMC)- Waqtii gannaa dhufaa jirutti xaa’oo uumamaa fi kan kemiikaalaa waliin makuun fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun akka barbaachisu Ministeerri Qonnaa hubachiiseera.
Ministeerichatti Hoji-raawwachiisaa Dursaan Misooma Qabeenya Biyyee Liiree Abbiyyee akka jedhanitti, hojiin xaa’oo uumamaa irratti hojjetame oomishaa fi oomishtummaa guddisuun alatti lafa albuuda barbaachisaa of keessaa dhabe gabbina isaa duraatti deebisuuf gargaaraa jira.
Kanumaan walqabatees dhaabbanni isaanii tekinooloojii haaraa ‘Kompoostii Varnii’ jedhamu gargaaramuun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetaa jiraachuu Faanaa Miidiyaa Korpooreshiniif ibsaniiru.
Tsaggaayee Nigustu gabaase.