Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Taayyeen Mooskoo galan

Finfinnee, Ebla 30, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Guyyaa Injifannoo Raashiyaa 80ffaarratti hirmaachuuf har’a ganama Mooskoo galaniiru.

Pirezidaanti Taayyeen wayita Mooskoo ga’anitti qondaalli olaanoo Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Anaatolii Baashkiiniin simatamaniiru.

Waraanni 2ffaa Addunyaa xumuramuu hordofee keessumaa injifannoo Gamtaan Sooviyeet duraanii Naazii Jarman irratti gonfate yaadachuuf ayyaana magaalaa Moskootti kabajamu kana irratti hoggantoonni addunyaa hedduun ni hirmaatuun eegama.

Pirezidaantichi kabaja ayyaanichaa cinatti qaamolee addaa addaa waliin mareewwan dippilomaasii gam-lamee fi gam-hedduu ni gaggeessuun akka eegamu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.