Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan pirojektoota misoomaa ariitii fi qulqullinaan ijaaruun tajaajilaaf oolchaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Ebla 30, 2017(FMC) – Godina Shawaa Kibba Lixaatti Pirojektonni fayyadamummaa Ummataa mirkaneessaan 232 ol baajata Mootummaa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 100 oliin ijaaramaa jiraachuun ibsame.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf pirojektoota misoomaa ariitii fi qulqullinaan ijaaruun tajaajilaaf oolchaa jira jedhan Bulchaa Itti aanaan Godinichaa Obbo Sintaayyoo Laggasaan.

Haaluma kanaan Godina Shawaa Kibba Lixaattis bara kana pirojektonni misoomaa garaagaraa buleeyyii fi haaraan 232 ijaaramaa jiraachuu Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Kanneen keessaa bara kan xumuruuf kan qabaman pirojektoota 130 ta’uu kan himan obbo Sintaayyoon, hanga ammaattis Pirojektonni 68 xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu dubbataniiru.

Pirojektonni baajata Mootummaan ijaaraman kanneen akka Piroojektii Finnaa, Jalliisi, Ijaarsa Riqaalee , Keellaa Fayyaa, piroojektii Bishaan dhugaatii fi kanneen biroo ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas pirojektonni Kenna tajaajilaa hirmaannaa ummataan ijaaramaa jiran kuma 4 fi 800 ol ta’uus himaniiru.

Piroojektoota kanneen keessaa kumni 3 fi 948 ijaaramanii kan xumuraman ta’uu Obbo Sintaayyoon kaasaniiru.

Pirojektonni hirmaannaa uummataan ijaaraman kanneen akka manneen harka qalleeyyii, Mana Baruumsa Bu’uura Boruu,Mana Baruumsaa sadarkaa1ffaa, Ijaarsa Paarkii diijitaalaa, Waajjira Gandaa, Manneen Qorichaa Ummataa fi kanneen ta’uu eeraniru.

Pirojektoota osoo hin xumuramiin hafan baatiiwwan itti aananitti xumuruun tajaajilaaf banuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu Obbo Sintaayyoon himaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.