Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Gadaa fi Abbootiin Amantaa nagaa buusuu keessatti ga’ee isaanii ciminaan akka ba’an dhaamame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2017 (FMC) –  Abbootiin Gadaa fi Abbootiin Amantaa nagaa buusuu keessatti hojii hojjechaa jiran cimsanii akka itti fufan dhaamameera.

Mareen Paanaalii Nageenya irratti xiyyeeffatee fi Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa fi jarsolii biyyaa hirmaachise mata duree ”Nagaa fi Biyya” jedhuun magaalaa Naqamteetti taa’ameera.

Abboottin Gadaa fi hadhoolliin sinqee biyyi nagaa akka ta’uuf qaamoolee hidhatanii socho’an gara nagaatti fiduun hojii gudda hojjecha jiraachuu kaasanii, ammas cimsanii itti fufuu akka qaban hirmaattonni marichaa hubachiisaniiru.

Abbootiin amantaa maricha irratti hirmaatanis amantaan hunduu nagaa labsa, nagaan bakka hinjirettis jirachuun waan ulfattuuf hunduu nagaa busuu fi nagaaf hojjechuu keessatti gahee olaana irraa eegamu ba’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Godinichi biyya sabaa fi sablammoonni waldanda’uun keessa jiraachaa turanii fi jiran waan ta’eef dudhaa uummataa kana warra booressan saaxiluun nageenya mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu jaarsoliin biyyaa hubachiisaniiru.

Raayyaa ittisa biyyaa nageenya eeguu fi hojii misoomaa keessatti adda durummaan hirmaataa jirus kan tumsan ta’uu ibsaniiru.

Maręen kun hundeffama waggaa 47ffaa Izii lixaa sababeeffachuun kan geggeeffamee dha.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.