Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa Waliigalteewwan Afur raggaasise

Finfinnee Caamsaa 5, 2017 (FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 29 ffaa bara hojii 4ffaa har’a gaggeesseen labsiiwwan waliigaltee Afur raggaasiseera.
Manni Marichaajalqabarratti waliigaltee Liiqii yuuroo miiliyoona 11 fi Kuma 500 Misooma Magariisaa fi Naannoof oolu Mootummaa Xaaliyaan waliin mallattaa’e raggaasiseera.
Adeemsa baruu fi barsiisuu deeggaruu fi Sagantaa Tiraansfoormeeshiniif waliigaltee Liiqii Doolaara miiliyoona 50 Waldaa Misooma Idil Addunyaa waliin mallattaa’e raggaasiseera.
Dabalataniis waliigaltee Koorporeeshinii Faayinaasii Afrikaa hundeessuuf mallattaa’ee,  fi waliigaltee Geejjibaa Mootummaa Ostiriyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti mallattaa’e raggaasiseera.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.