Ameerikaan hariiroo Sooriyaa waliin qabdu haaromsuu akka barbaaddu ibsite
Finfinnee, Caamsaa 6, 2017(FMC) – Ameerikaan qoqobbii Sooriyaarra kaa’amee ture kaasuun hariiroo ishee haaromsuu akka barbaaddu Pireezidaantiin biyyattii Doonaald Tiraampi beeksisaniiru.
Baha Giddugaleessaatti daawwannaarra kan jiran Doonaald Tiraampi, Pireezidaantii Sooriyaa Ahimad Alshaaraa waliin Saa’ud Arabiyaatti mari’ataniiru.
Mariin pireezidaantota lameenii tattaaffii Ahimad Alshaaraan mootummaa isaanii cimsuuf taasisaa jiraniif carraa gaarii ta’uun ibsameera.
Dabalataanis Sooriyaan hariiroo Israa’el waliin qabdu akka fooyyessituuf Doonaald Tiraampi hubachiisuu Rooyitars gabaaseera.
Mariin kun bara 2000 asitti marii hoggantoota biyyoota lameenii gidduutti taasifame kan jalqabaa ta’uun eerameera.
Doonaald Tiraampi qoqqobbiin Sooriyaarra kaa’amee ture akka ka’u erga ibsaniin booda lammiileen biyyattii addabaabaayiitti bahuun gammachuu isaanii ibsachaa jiru.
Hayilamaariyaam Taganyin.