Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ertiraa Sirna Abbaa Irree Biyya Maleessa Isaan Taasise irratti Qabsa’uu Qabu — Danbalii Cuquliisaa Ertiraa

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2019 (FMC) — Danbaliin Cuquliisaa Eritiraa lammiileen biyyattii sirna abbaa irree biyya isaanii biyya maleessa isaan taasisetti akka qabsa’an waamicha dhiyeesseera.

Itti gaafatamaan Dhimma Dippilomaasii Danbalii Cuquliisaa Eritiraa Yoo’el Yohaannis Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin turtii taasisaniin, sirni Isaayyaas Afawarqii Ertiraa addunyaa irraa adda baasee qabeenya dhuunfaa isaa taasifate diina guddaa lammiilee Ertiraa ta’uu ibsaniiru.

Sirni abbaa irree Isaayyaas Afawarqii waggoota 35f biyyattii qabeenya dhuunfaa isaa godhatee waan bulcheef biyyattiin jaannama lafa irraa taateetti kan jedhan itti gaafatamaan kun, misoomni, dimokiraasiin, haqni fi invastimantiin lammiilee Ertiraa biratti akka hin beekamne taasifamuu ibsaniiru.

Ertiraa keessatti yuunivarsiitiin tokko qofa akka turee fi innis akka cufame kan eeran obbo Yo’eel Yohaannis, dargaggoonni carraa barnootaa irraa maqsamuun dirqamaan gara tajaajila waraanaatti qofa akka bobba’an taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dargaggoonni Ertiraa nagaa barbaadu jedhan kan jedhan obbo Yo’eel Yohaannis, mootummaan abbaa irree Isaayyaas Afawarqii garuu nagaa kana akka hin barbaanne ibsaniiru.

Dargaggoota Ertiraa irratti dhiibbaan dinagdee, hawaasummaa fi xiinsammuu ga’aa jiraachuu ibsanii, dargaggoonni Itiyoophiyaa dabalatee Ugaandaa fi biyyoota Afrikaa biroo akkasumas gara Awurooppaatti godaanaa jiraachuu himaniiru.

Ertiraan qabeenya uumamaa hedduu kan qabdu ta’us, sababa mootummaa abbaa irree kanaan godaansa lammiileefi hiyyummaan kan beekamtu ta’uu ibsaniiru.

Kanaafuu, lammiileen Ertiraa addunyaa guutuu keessa jiraatan sirna abbaa irree biyya maleessa isaan taasisetti qabsa’uuf ka’uu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.

Miikiyaas Ayyaaleen.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.