Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan dameewwan garaagaraan bu’aa hedduu galmeessisaa jirti- TKM

Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan bara baajataa kanatti dameewwan garaagaraan bu’aa hedduu galmeessisaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Qonna, manufakchariingiifi tuurizimii konfiransii dabalatee dameewwan garaagaraan bu’aawwan hedduu galmeessisaa jiraachuu eerameera.

Itiyoophiyaan dameewwan hundaan akka guddattuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshiin Mootummaa Tasfaahuun Goobazaay ibsaniiru.

Nageenya cimsuuf mootummaan waamicha nageenyaa dabarsuun hidhattoota daandii nagaa filatan simachaa akka jirus eeraniiru.

Hidhattoota filmaata nagaa fudhatan hawaasatti makamanii jireenya nagaa qabeessa akka jiraatan taasisaa jiraachuus dubbataniiru.

Hidhattoota waamicha nagaaf deebii hin laanne duula seera kabachiisuun hojii nageenya cimsuu bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Kana malees nageenya waaressuuf misooma waaraa, oomishtummaafi carraa hojii uumuu mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu eeranii,  dameewwan diinagdee hunda irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuufi bu’aawwan hedduun galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.