Raashiyaa fi Yuukireen marii nageenyaa Istaanbuulitti eegalan
Finfinnee, Caamsaa 8, 2017(FMC) – Raashiyaa fi Yuukireen marii nageenyaa Turkii Istaanbuulitti gaggeessaa jiru.
Mariisisuummaa Ameerikaa fi Turkiin gaggeeffama kan jiru mariin nageenyaa biyyoota lameenii waggoottan sadiin booda yeroo jalqabaaf fulaa fulaatti jalqabeera.
Ministirri Dhimma Alaa Turkii Haakan Fidaan, Murannoo waliigaltee nageenyaa Raashiyaafi Yukireen mul’isan dinqisifataniiru.
Biyyoonni lameen waliigalteerra ga’uuf tattaaffii taasisuu qabu kan jedhan ministirichi, marichi waraanaa Addunyaa 2ffaan booda waraana suukaneessaa ta’e kan dhaabuuf boqonnaa murteessaadhas jedhan.
Waltajjichaan Yuukireen Waliigaltee nageenyaa fiduuf Raashiyaan guyyoota 30’f kan turu waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka taasistuufi booji’amtoota akka lakkiiftuu gaafachuun himameera.
Raashiyaan gama isheen Waliigaltee dhukaasa dhaabuun gara maritti galuuf eeyyamamtuu ta’uu ibsiteerti.
Haa ta’uutii waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana Yuukireen loltootaa ishee qindeessuu fi meeshaa waraanaa walitti qabuuf itti fayyadamuu dandeessii sodaa jedhu qabaachuu hubachiifteerti.
Maricharratti Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi Ameerikaatti ergamtonni Addaa Raashiyaa fi Yuukireeni argamuu isaanii ‘Reuter ‘gabaaseera.
Mikiiyaas Ayyaalatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia