Joo Baayidan dhibee Kaansariin qabamuun dhagahame
Finfinnee, Caamsaa 11, 2017(FMC) – Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Joo Baayidan dhibee kaansariin qabamuu waajjirri isaanii beeksiseera.
Joo Baayidan dhibee kaansarii “Pirooteesti” jedhamuun akka qabamaniifi seeliin isaa gara lafee isaaniitti tatamsa’uu eerameera.
Dhibeen isaanii sadarkaa olaanaarra gahuu kan ibsame yoo ta’u, filmaatawwan wal’aansa isaaniif taasifamurratti maatii isaanii waliin mari’ataa akka jiran Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi, Joo Baayidan dhibicharraa dafanii akka dandamataniif hawwii qaban ibsaniiru.
Hayilamaariyaam Taganyiin.