Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Saayinsii IGAD 4ffaan taa’amaa jira

Finfinnee, Caamsaa 11, 2017 (FMC) – Yaa’iin 4ffaa Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa( IGAD) godaansa, buqqaatii fi magaalummaa irratti qopheesse magaalaa Finfinneetti geggeeffamuu jalqabeera.

Yaa’ichi, “Dhiibbaa godaansi, buqqaatii fi magaalummaan misooma ittifufaa irratti qabu” yaada jedhu irratti hundaa’e geggeeffamaa jira.

Yaa’ichaan sababoota buqqa’uuf ka’umsa ta’an qorachuun kallattiiwwan ragaa qabatamaa fi beekumsa irratti bundaa’an akka kaa’aman eerameera.

Daayireekterri olaantuun Tajaajila Godaansaa fi Godaansaa deebitootaa aadde Xayibaa Hasan, muuxanoo fi tajaajila Itiyoophiyaan qabiinsa godaantotaa irratti qabdu dhiyeessaniiru.

Itiyoophiyaatti Itti waamamaan IGAD obbo Ababaawu Bihoneny gama isaaniin, qormaatileen magaalummaan  naannawichatti fide deebii qindaa’aa fi ragaa qabatamaa irratti hundaa’e barbaada jedhan.

Sochiin lammiilee guddina magaalotaa, dinagdee fi hojiiwwan hawaasummaa naanawichaa irratti dhiibbaa gochaa jiraachuus dubbatan.

Dhaabbatichi hojiiwwan fayyadamummaa godaantotaa mirkaneessuuf naannawichatti hojjetamaa jiraniif deggersa kennu cimse akka itti fufus mirkaneessaniiru.

Waltajjii kana irratti hayyoonni dhaabbilee barnootaa, qorattoonni, warri imaammata baasan, kantiibonni, ogeeyyiin misoomaa fi qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.