Magaalaa Jimmaatti Kaafamtoota misoomaaf manni jireenyaa kenname
Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa jiraatoota sababa misoomaaf qe’ee isaani irraa kaa’aniif manneen jireenyaa kenneera.
Kaafamtoota misoomaa naannawaa Masaraa Mootii Abbaa Jifaarii ka’an abbootii warraa 100’f manni jireenyaa kennamera.
Jiraattoota sababa misoomaan qe’eefi qabeenya isaanii irraa ka’an hojiin deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar ibsaniiru.
Yeroo ammaa hojiileen misoomaa seenaa Magaalaan Jimmaa gitu hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Jiraattoonni mana jireenyaa fudhatanis misooma magaalichaaf aarsaa barbaachisu kan kaffalan ta’uu kaasanii, gara fuulduraattis sochii misoomaa magaalattii keessatti taasifamu kan tumsan ta’uu dubbataniiru.
Huseen Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia