Tajaajilli Raadiyoofi Televizyiinii Dimtsi Wayyaanee Tigraay maqaa haaraa “Tajaajila Biroodkaastiingii Maa’idoot” jedhuun eeyyama argate
Finfinnee, Onkoloolessa 19, 2019(FMC)- Tajaajilli Raadiyoofi Televizyiinii Dimtsi Wayyaanee Tigraay kanaan dura eeyyamni isaa haqamee ture maqaa haaraa “Tajaajila Biroodkaastiingii Maa’idoot” jedhuun eeyyamni kennamuufii Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa beeksiseera.
Abbaan Taayitichaa aangoo bu’uura labsii lakkoofsa 1238/2013 kennameefiin hordoffiifi to’annoo gaggeesseen buufatichi qabiyyeewwan labsii miidiyaalee faallessan karaa seeraan alaa osoo tamsaasuu argamee eeyyamni isaa haqamuu yaadachiiseera.
Haa ta’u malee bulchiinsi imaanaa naannoo Tigraay buufata Kanaan dura Raadiyoofi Televizyiinii Dimtsi Wayyaanee jedhuun tajaajila raadiyoofi televizyiinii kennaa ture meeshaa waraanaa ta’uun waan tajaajileef eeyyamni isaa haqamuu yaadachiisuun, bulchiinsi imaanaa yeroo ammaa naannicha bulchu nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun akkasumas sagalee uummataa ta’uun qooda akka bahatuuf jijjiirraa maqaa taasisuun moggaasa haaraa “Tajaajila Biroodkaastiingii Maa’idoot” jedhuun eeyyamni akka kennamuuf gaaffii kan dhiyeesse yoo ta’u, Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa barbaachisummaa gaaffichaa qorachuun fi itti amanuun fudhateera.
Abbaan Taayitichaa “Tajaajila Biroodkaastiingii Maa’idoot” jedhuuf eeyyama tajaajila biroodkaastii kennuu beeksisuun, qaamoleen qooda fudhattootaa hundi tajaajila biroodkaastiingichaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasisan waamicha dhiyeesseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #UummataGuddaa