Fana: At a Speed of Life!

Daawwanaannichi tekinooloojii fi hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffata jedhame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Daawwanaan Indaastirii Ministirri Muummee Faransaay Paariisitti geggeessan tekinooloojii fi hubannoo namtolchee irratti akka xiyyeeffatu waajjirri Ministirichaa beeksise.

Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad jila isaanii wajjiin ta’uun Giddu gala kalaqqii “startup” Tekinooloojii dhuunfaa “Isteeshin Effi’” jedhamu daawwataniiru.

Tekinooliijiin istaarti appii Itiyoophiyaa jalqabbii irra kan jiru yoo ta’es dargaggoota beekumsa ga’aa qabaniin kan guutamee fi walitti hidhamiinsa tekinooloojiin dandeettii cimaa agarsiisaa guddachaa kanjiru ta’uun ibsameera.

Mootimmaan tarsiimoowwan akka “Dijiitaal Itoophiyaa 2025” waixinuun kalaqqii jajjabeessuuf hojjechaa akka jiruu fi Kunis naanoo istaarti appiif keessumaa ammo tekinooloojii faayinaansii, tekinooloojii qonnaa, akkasumas gabaa “e-commerce”f haala dandeessisaa uumuu irratti xiyyeeffata jedhameera.

Gama biraatiin labsii istaarti appii baasuun sochii gama kanaan geggeeffamuuf hammattoo seeraa fi dhaabbatummaa miijessuun haala carraa maallaqaa murtaa’aa ture ballisuu fi huhaalee to’annoo fi qormaatawwan walfakkaatoo darbuuf dandeessisu akka uumes ibsi waajirichaa eereera.

Muummichi Ministiraa giddugala walittihidhamiinsa tekinooloojii 5G fi 6G, nageenya saayibarii, hubannoo namtolchee fi tekinooloojii optiikaalaa kan ta’e waajjira Muumkichaa “Nokia France” daawwachuun isaaniis ibsameera.

Daawwannichi dhiyeessii faayiberaa, tooftaa qusanoo humnaa fi laaboraatooriiwwan 5G ilaaluu kan of keessatti qabtee fi kalaqa, bu’uuraalee misoomaa fi tumsa hundagaleessa irratti barnoonni Itiyoophiyaaf gatii guddaa qaban kan itti argaman ta’uuun eerameera.

Dhumarrattis Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad giddu gala Qorannoo Tekinooloojii “Tale Group” jedhamu daawwataniiru.

Dhaabbanni Taalee giruuppi jedhamu kun dameewwan qorannoo hawwaa, ittisaa fi hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffachuun qorannoowwan ciccimoo kan geeggeesu ta’uunis ibsameera.

Daawwannaawwan idil-addunyaa kunniin ce’umsa Dijiitaal Itiyoophiyaa ariifachiisuun biyyi keenya giddu gala kalaqqii fi tekinooloojii Afirikaa akka taatuuf haala miijessuuf barbaachisummaa waljijjiirraa beekumsaa kan argisiisan ta’uu ibsi Waajjira Ministira Muummee ni argisiisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.