Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaaf biqiltuuwwan biliyoonni 7.5 ol qophaa’aniiru – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan biliyoonni 7.5 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa lafti miidhame akka bayyaannatu, jiidhinni biyyee akka dabalu fi hammi qaamman bishaanii akka dabaluuf kan gargaare ta’uu Miniisteerichatti Hojiraawwachiisaa dursaan Misooma, Eegumsaa fi Ittifayyadama Qabeenya Umammaa Faanosee Makonnin ibsaniiru.

Sagantaa kanaan biqiltuuwwan bosonaa % 40 fi biqiltuuwwan fuduraalee, nyaata horii, eegumsa biyyee fi bishaanii fi fayyaa eeguuf oolan dhaabuun bu’aa qabatamaan galmaa’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

Biqiltuuwwan sagantaa kanaan dhaabaman biyyoonni gara gadii yaa’aa Naayil balaa irraa akka eegamaniif shoora mataa isaa akka taphacha jirus hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.