Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen daldalaa faayidaa biyyaalessaa kabachiisuufi hojiilee misoomaa dhalootaaf darban irratti hojjechuu qabu- TKM

Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Miidiyaaleen daldalaa faayidaa biyyaalessaa kabachiisuufi hojiilee misoomaa dhalootaaf darban ajandaa godhachuun irratti hojjechuu qabu jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Waltajjiin marii Mootummaafi miidiyaaleen daldalaa dhimmoota biyyaalessaarratti walitti dhiyeenyaa akkaataa hojjechuu danda’an irratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Tasfaahuun Goobezaay waltajjicharratti, milkaa’inootaafi hanqinaalee waggoottan jijjiiramaa torban darban keessa mudatan ibsaniiru.

Dameewwan siyaasaa, diinagdee, hawaasummaafi dippiloomaasiin milkaa’inoonni jajjabeessaan galmaahuu yaadachiisanii, miidiyaaleen milkaa’inoota argaman irratti odeeffannoo uummata biraan gahuun gahee isaanii bahachuu ibsaniiru.

Haa ta’u malee gama miidiyaalee daldalaa idileenis ta’e diijitaalaan hordoftoota argachuuf jecha rakkoon dhimma tokko dhaadhessuu, gabaasa dhimmicha wal hin fakkaanne tamsaasuu akka mul’atu kaasaniiru.

Rakkoon ajandaalee biyyaalessaa ija jabinaan gabaasuurra akka kan paartii yookaan ammoo mootummaa qofaatti yaaduuniifi maal nadhibdeen bira darbuus jiraachuu eeraniiru.

Faayidaa biyyaalessaa dabalatee dhimmoota biyyaalessaarratti waloon hojjetamuu akka qabu kaasanii, miidiyaaleen ajandaalee biyyaalessaa dhaloota ijaaraniifi ilaalcha gaarii bocan irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bilisummaan odeeffannoo argachuu mirkanaa’uu akka qabu mootummaan amantaa guutuu qabaachuu ibsuun, hanqinaalee gama Kanaan jiran furuuf qophii ta’uus mirkaneessaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Dooktar Saamsoon Mokonnin gamasaaniin, rakkoolee mul’ataniif furmaanni ijaarsa dandeettii ta’uufi kanaafis abbaan taayitichaa dandeettii ogeeyyii guddisuun dhimmoota biyyaalessaarratti ejjennoo waloo qabaachuufi waliin hojjechuuf kan dandeessisu giddugala leenjii hundeessuuf hojjechaa jira jedhan.

Ajandaalee biyyaalessaa gadi fageenyaan gabaasuuf haalli mijataan akka uumamuuf abbaan taayitichaa deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uus hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.