Pirojeektoota qulqullinaa fi ariitiin xumuruun bu’aan gaariin galmaa’e- Obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Waxabajjii 1, 2017 (FMC )- Waggoottan darban ijaarsa pirojektootaa qulqullinaa fi ariitiin xumuruun bu’aan gaarii galmaa’eera jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen.
Obbo Ahimad Shideen raawwii fooyyeessii diinagdee gooroo fi dhimmoota diinagdee biroorratti ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, waggoottan jijjiiramaa darban raawwiin piroojektoota mootummaa saffisaa fi qulqullinaa olaanaan dabalaa dhufeera jedhan.
Haaluma kanaan piroojektiiwwan daandiin raawwiin bu’aa qabeessi galmaa’uu ibsuun, yeroo ammaa daandiin kiloomeetirri kumni 22 ol ijaaramaa jiraachuu dubbatan.
misooma jallisiin raawwiin fooyyaa’aan galmaa’uu kan dubbatan Obbo Ahimad, piroojektoota eegalaman xumuruuf hojjetama jira jedhan.
Misoomni bakkewwan gahuumsa tuurizimiis yeroo qabameefi qulqullinaan hojjetamaa jiraachuu eeruun, hedduun isaanii xumuramuun tajaajila kennuu eegaluu himan.
Erga hanga sharafa alaa murteessuun eegalame as dhiibbaan kontiroobaandii imaammata waliin ture hir’achuu fi rakkoon kontroobaandii daldala Warqeerraa ture furameera jedhan.
Hariiroon Itiyoophiyaan biyyoota naannawichaa waliin damee Daldala, walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa fi dhiyyeessii anniisaan jiru cimee itti fufuus ibsaniiru.
Wixineen labsii baajata mootummaa bara 2018 diinagdee gooroo bara itti aanuu tilmaama keessa kan galche, dandeettii galii mootummaa kan tilmaamee fi maddoota galii biroo tilmaamuun, fedhii baasii mootummaa xiinxaluun kan qophaa’ee ta’uu dubbataniiru.
Hojiilee misoomaa bara baajata kana eegalan itti fufsiisuu ,deeggarsa hawaasummaa fi diinagdee gooroo tasgabbaa’aa itti fufsiisuu fi kanneen biroo karaa guutuu ta’een hojjechuuf faayidaa olaanaa akka qabu himuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.