Hojiin Itiyoophiyaan godaantota simachuun hojjechaa jirtu dinqisiifatame
Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Hojii Itiyoophiyaan godaantota simachuun hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamudha jedhan Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaan Godaantotaa Fiiliip Giraand.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Komishinaricha waliin mari’ataniiru.
Komishinar Fiiliip Giraand marichaan booda akka ibsanitti, Itiyoophiyaan godaantota hedduu simattee jirti.
Yeroo ammaa biyyoota kanneen akka Sudaan Kibbaa, Sudaaniifi biyyoota biroorraa godaantota simachaa jiraachuu eeran.
Hojii Itiyoophiyaan godaantota simachuun hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uu kaasanii, haaluma kanaan deeggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Hojii gaarii Itiyoophiyaan godaantota simachuun hojjechaa jirtu kana hawaasni idil-addunyaa akka beekuufi deeggaruuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
Marii Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseefi Komishinar Fiiliip Giraand taasisan bu’aa qabeessa akka ture Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Godaantotaafi Godaansaa Deebitootaa Xayibaa Hasan beeksisaniiru.
Keessumaa godaantota Itiyoophiyaatti argamaniif deeggarsa taasifamu haala cimsuun danda’amurrattiifi dhimmoota walqabatan biroorratti marii bal’aa taasisuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Yeroo maraa nu Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna