Itiyoophiyaan kan badhaatu humna namaafi qabeenya uumamaa yoo misoomsine- Aadde Adaanech Abeebee
Finfinnee, Waxabajjii 7, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan kan badhaatu humna namaafi qabeenya uumamaa keenya yoo misoomsine jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Magaalichatti agarsiisni teeknooloojii teeknikaafi ogummaa banameera.
Gahee dhaabbileen teekinikaafi ogummaa bulchiinsa magaalichaa badhaadhina biyyaa keessatti qaban haalaan hubachuun damichaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamuu ibsameera.
Hojiilee misoomaa bulchiinsa magaalichaatti hojjetamaa jiran keessatti galteewwan biyya keessaafi qulqullina qaban dhiyeessuurraa eegalee humna namaa gahumsa qabu horachuun hojiilee hedduurratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru jedhame.
Aadde Adaanech Abeebeen qaamolee teeknooloojiiwwan agarsiisa kanarratti dhiyaatan keessatti shoora isaanii bahatan galateeffataniiru.
Teeknooloojiiwwan agarsiisicharratti dhiyaatan badhaadhina biyyattii kan milkeessan Itiyoophiyaanota teeknooloojii kalaqaniin akka ta’e agarsiistuu guddaadha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.