Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Maq’aleetti Meeshaaleen loojistiksii fi nyaataa garee seeraan alaa ABUT’f deggersaan dhiyaachuuf turan qabaman

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2019 (FMC) – Magaalaa Maqalee, Kutaa Magaalaa Hawultiitti meeshaaleen garaagaraa deeggarsa nyaataa fi loojistikii garee seeraan alaa ABUT’f kennamuuf qophaa’anii turan, eeruu hawaasni kennee fi qaamolee nageenyaa waliin sakatta’iinsa geggeeffameen qabamuun ibsameera.

Meeshaalee qabaman keessaa kophee waraanaa (Kongoo) fi buddeena gogaa akkasumas daakuu buddeenaa, zayita, xaafii, barbaree, shiroo fi saamunaan ni argamu.

Meeshaaleen kunneen gatii gabaan yoo tilmaamaman Birrii miiliyoona 1.4 kan baasan yoo ta’u, Bulchiinsi Magaalaa Maqalee namoota galii hin qabneef akka raabsamu murteesseera.

Gorsaan dhimmoota hawaasummaa Kantiibaa Magaalaa Maqalee fi itti gaafatamaan dhimmoota hawaasummaa Obbo Mulaaw Abrahaaleey akka jedhanitti, meeshaaleen qabaman namoota dandeettii hin qabneef akka raabsaman taasifameera.

Jiraattonni Magaalaa Maqalee qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun sochiiwwan shakkisiisoo hordofanii odeeffannoo akka kennanis waamichi dhiyaateera.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Gizaachawu Girmaayiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.