Manni Marichaa walga’ii idilee har’a gaggeesseen dhimmoota lama irratti murtoo dabarse
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC )- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee har’a gaggeeseeen dhimmoota lama irratti mari’achun murtoo dabarseera.
Manni Marichaa qabeenya yakkaan argaman seeraa qabeessa fakkeessuu fi yakka shororkeessummaa maallaqaan deeggaramu ittisuu fi to’achuuf labsii fooyya’ee dhiyaatee raggaasiseera.
Labsichi sagalee mormii sadii, kan sagalee hin laane tokkoo fi sagalee caalmaan raggaa’eera.
Manni Marichaa labsii ’Istart up’ irrattis kan mari’ate yoo ta’u labsicha qorachuun qaama dhimmichi ilaallatuuf qajeelcheera.
Maraa’ol Kadirtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo