Fana: At a Speed of Life!

Hoogganaan Iraan eessa akka jiran beeknus akka ajjeefaman hin barbaannu- Doonaald Tiraampi

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC)- Hogganaan Iraan Ayaatoolaah Alii Haamiiniin eessa akka jiran beeknu iyyuu ammatti akka ajjeefaman hin barbaannu jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.

Pireezidaanti Tiraampi hogganaan Iraan eessa akka jiran sirriitti beekna haa ta’u malee ammatti akka ajjeefamaniif fedhii hin qabnu jedhaniiru.

Lammiilee nagaafi loltoota Ameerikaa irratti haleellaan miisaa’elaa akka raawwatamu kan hin barbaanne ta’uus ibsaniiru.

Obsi keenyi dhumaa jira jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Tiruuz irratti ergaa dabarsaniiru.

Walitti bu’iinsi Iraaniifi Israa’el guyyoota shan lakkoofsise hammaatee itti fufuu ibsamaa jira.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.