Qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa kennuuf qophiin xumurame-Ministeera Barnootaa
Finfinnee, Waxabajjii 11, 2017 (FMC )-Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kennuuf qophiin barbaachisu xumurame jedhe Ministeerri Barnootaa.
Daayirektarri Olaanaan Tajaajila Madaallii Qormaataa Dooktar Isheetuu Kabbadaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif akka ibsanitti, qormaaticha milkaa’inaan xumuruuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan biiroolee barnootaa naannoolee, dhaabbilee barnootaa olaanoo, qaamoolee nageenyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin tumsaan hojjetamaa jira jedhan.
Qophiin qormaataa fi bu’uuraalee misoomaa qormaatichaa xumuramuus himaniiru.
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 Waxabajjii 23-hanga Adoolessa 8, 2017tti kennama.
Barattoonni kuma 600 ol qormaaticha ni fudhatu.
Kanneen keessaa kumni 100 fi kumni 50 Onlaayiniin qoramu.
Almaaz Mokonnintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.