Fana: At a Speed of Life!

Iraan Magaalaa Israa’el Bi’eer Sheebaa misaa’elaan  haleelte

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2017 (FMC) – Waraana Baha Giddu Galeessaatti hammaachaa dhufeen Iraan magaalaa Kibba Israa’elitti argamtu Bi’eer sheebaa misaa’elaan haleeluun ishee gabaafamaa jira.

Iraan  daqiiqaawwan dura misaa’elota walfaana furguggifteen Telaaviiv, Raamaat Gaan, Hayifaa fi Qesaariyaan alatti magaalaa Bi’eer Sheebaa irratt xiyyeeffaatteetti.

Haleellaa kanaan Hospiitaalli guddichi magaalattiitti argamu kan itti xiyyeefffatame yoo ta’u, namoota 30 irra miidhaan ga’eera jedhameera.

Haaluma walfakkaatuun ganama har’aa Isiraa’eel iddoowwan Iraan Niwukileera  itti maddisiistu  Araak fi Naantaaz jedhaman irratti haleellaa milkaa’aa raawwachuu ishee beeksisteetti.

Yeroo biyyoonni lamaan haalloo walirratti ba’aa jiran kanatti Pirezidaanti Doonaaldi Tiraamp “Ameerikaan Israa’eeliin gargaaruuf waraanichatti makamuu dandeessi,” jechuun yaada kennaniiru.

Geggeessaan Iraan Ayaatolaa Ali Hamiinii  gama isaaniin, “Ameerikaan Israa’eliin kan deggertu yoo ta’e, Iraan irraa haalloo guddaatu ishee eeggata,” jechuun akeekkachiisaniiru.

Waraana kanaan gama Iraaniin namoonni 600, gama Isiraa’eliin ammoo namoonni 24 lubbuudhaan darbniiru.

Waraanni biyyoota lamaanii babal’achuun addunyaa gaaga’ama siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee keessa galchuu akka danda’u sodaatameera.

Mootummoonni Gamtoomanii ammoo biyyoonni lamaan waraana akka dhaaban waamicha dhiyeesseera.#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.