Deeggarsi hojiilee misooma waaraa Itiyoophiyaaf godhamu cimee itti fufa- Mootummoota Gamtoomanii
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2017(FMC)- Mootummoonni Gamtoomanii deeggarsi hojiilee misooma waaraa Itiyoophiyaaf godhamu cimee itti fufa jedhe.
Mootummoonni Gamtoomanii Itiyoophiyaatti hojiilee misoomaa garaagaraa deeggaruuf waliigaltee deeggarsaa Doolaara biiliyoona 6 fi miiliyoona 500 mallatteesse.
Waliigalticha Gargaaraa Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomaniifi Itiyoophiyaatti Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa Dooktar Raamiiz Alaakaabaaroov fi Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariitaa Sawaasawu mallatteessaniiru.
Kaayyoon waliigaltichaas tattaaffii Itiyoophiyaan misooma waaraa fi hammataa mirkaneessuuf taasistu deeggaruufi.
Deeggarsichi diinagdee Itiyoophiyaa guddisuuf, wabii nyaataa mirkaneessuuf, misooma inarjiif, barnootaaf, jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuufi dameewwan biroof oola.
Deeggarsi hojiilee misoomaa Itiyoophiyaaf godhamu cimee kan itti fufu ta’uu Dooktar Raamiiz Alaakaabaaroov ibsaniiru.
Samaariitaa Sawaasawu gamasaaniin, waliigaltichi hojiilee misoomaa Itiyoophiyaan hojjettuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Deeggarsa Mootummoonni Gamtoomanii godheef galateeffachuun, bu’aa qabeessummaa waliigaltee kanaaf xiyyeeffannoon ni hojjetama jechuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii: www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara: https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktokhttps://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.