Godina Qeellam Wallaggaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaaf biqiltuun miiliyoonni 300 ol qaphaa’e
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2017(FMC)- Godina Qeellam Wallaggaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 300 ol qaphaa’eera jedhe Waajjirri Qonnaa Godinichaa.
Godinichatti bara kana lafa heektaara kuma 61 fi 90 irratti biqiltuu gosa garaagaraa dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Mul’ataa Waaqjiraan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuu miiliyoona 200 fi miiliyoona 96 fi kuma 700 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuu miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 5 fi kumni 400 ol qophaa’uu kaasaniiru.
Akka obbo Mul’ataan jedhanitti, biqiltuuwwan kunneen buufataalee oomisha biqiltuu 983 keessatti oomishamaa jiru.
Hanga ammaattis boollii biqiltuun keessa dhaabbatu miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 71 ol qophaa’uu eeran.
Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa % 29 warreen nyaataaf oolan, kanneen hafan uwwisa bosonaafi nyaata beelladaaf kan oolan ta’uu dubbataniiru.
Biqiltuuwwan kanaan dura godinichatti dhaabaman faayidaa argamsiisuu kan kaasan obbo Mul’ataan, laggeen madduu eegaluu, uwwisni bosonaa dabaluufi dhiqamni biyyee hir’achuu danda’eera jedhan.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.