Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Dambii Dolloo Barattoota Muummee Barnootaa garaagaraan barsiisaa ture eebbisise

Finfinnee,Waxabajjii 14, 2017_Yuunivarsiitiin Dambii Dolloo Barattoota Muummee Barnootaa garaagaraan barsiisa ture Kuma 2 ol eebbisiseera.
Yuunivarsiitichi Barattoota Digirii jalqabaa fi 2ffaan Barnoota isaanii hordofaa turan Kuma 2 fi 123 guyyaa har’aa eebbisiseera.
Sirna eebbicharratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dambi Dolloo Dooktar Taddasaa Raggaasaa, Ministir Deetaa Ministeera Haqaa fi walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Obbo Balaayihuun Yirgaa fi Qondaaltonni Olaanoo biroon argamaniiru.
Barattoota eebbifama keessaa %82 qormaata bahuumsa Yuunivarsiitii kan darban ta’uun ibsameera.
Tsahaay Gulummaatiin.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.