Yuunivarsiitiwwan garaagaraa barattoota eebbisisan
Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017 (FMC )- Yuunivarsiitiin Haramaayaa fi Arsii barattoota gosa barnootaa gargaraan barsiisaa ture eebbisisaniiru.
Yuunivarsitiin Haramaayaa Marsaa 70ffaaf barattoota kuma 3 fi 295 eebbisiseera.
Yuunivarsiitiin Arsiis barattoota Muummee garaagaraan barsiisaa ture Kuma 1 fi 201 guyyaa har’aa eebbisiseera.
Barattoonni eebbifaman sagantaa barnootaa digirii jalqabaa fi digirii 2ffaan ta’uun ibsameera.
Sirna eebbicharratti Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa,Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Fiqaaduu Mitikkuu, Abbootiin Gadaa,Haadholiin Siinqee fi Maatiin eebbifamtootaa argamaniiru.
Tuujii Abdii fi Oliyaad Badhaaneetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.