Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Salaalee barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017 (FMC) –Yuunivarsiitiin Salaalee barattoota ogummaa adda addaan sagantaa idilee fi idileen alaan barsiisaa ture kuma 1 ol marsaa 7ffaaf eebbisiisaa jira.

Barattoonni har’a eebbifaman kanneen digirii jalqabaa fi digirii 2ffaa barnoota isaanii hordofaa turan ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhinsaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Dhiira 694 fi Dubartoota 344 eebbisiisaa jira.

Hoggantoota Mootummaa olaanoo, hoggansa Yuunivarsiitichaa, maatii barattootaa fi keessummoonni waamichi godhameef saganticharratti argamaniiru.

Siifan Magarsaatuu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.