Faalama naannawaa ittisuuf hundi gahee isaa bahachuu qaba
Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017 (FMC)- Faalama naannawaa ittisuuf hundi gahee isaa bahachuu qaba jedhan Daayiektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Injiinar Leelisee Nameen.
Sagantaan eegalchiisa sosochii Itiyoophiyaa qulqulluu marsaa 2ffaan mata duree “Itiyoophiyaa Qulqulluu Aadeeffachuu” jedhuun Bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaattii gaggeeffameera.
Injiinar Leelisee Nameen wayita kanaatti faalamni naannawaa ka’umsa dhibeewwa garaagaraa ta’uu ibsuun, hundi gahee isaa bahachuu qaba jedhan.
Itiyoophiyaa qulquluu dhugomsuuf waggootan dabran gama Ashaaraa magarisaan akkasumaa hojii misomaa koriidariin hojileen bal’aan hojjetamuu fi kananis jijiramoonii argamuu kaasaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Dirre Dhawaa Kadiir Juhaar gamasaaniin, jijjiramni qabeenya qilleensaa wayita addunyarraan dhiibbaa geessisaa jirutti eegumsa naannoo fi Itiyoophiyaa qulqulluuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.
Yaasiin Shamsaddintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.10:34