Fana: At a Speed of Life!

Imala Qaama miidhamtummaan hin daangeessine

Finfinnee,Waxabajjii 14, 2017 (FMC)_ Qaama Midhamtummaan na mudate abdii Murannoo osoo hintaane Cimina na horachiise jedhe Barataan Yuunivarsiiti Jimmaarra eebbifame.

Jiraataan Magaalaa Aggaaroo Abdusalaam Mohaammadaamiin bara 2005tti Yuunivarsiitii jimmaa Barnoota Saayikooloojiin ebbifame.

Haa ta’uti eebba boodde rakkoo narvii isa mudateen qaama miidhamaa ta’ee.

Abdusalaam osoo abdii hinkutatiin ammas hojjechuu akka danda’u amanuun ogummaa suphaa Mobaayilaa barachuun hojjechuu eegale.

Hojiin kanaan ofirra darbee maatii isaa gargaaraa jira.

Dabalataanis barnoota yuunivarsiitii irraa ittiin ebbifameen hawaasa naannoo isaa gargaarsa barbaadaniif gorsaa xiinsammuu ta’ee tajaajila.

Yeroo booddes digrii isaa lammaffaa Barnoota ‘Business Administration’ baratee guyyaa hardhaa yuunivarsiitii jimmaa irraa eebbifameera.

Qaamni koo miidhamus sammuun koo hin midhamne jechuun fuula duratti dhaabbata dhuunfaa isaa banatee hawaasa tajaajiluuf kaayyoo qabaachu dubbateera.

Warqaafaraawu Yaalewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.