Ameerikaan walittibu’iinsa kana keessa yoo seente haala hammaataatu uumama – Iraan
Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017 (FMC) – Ameerikaan walitti bu’iinsa Israa’elii fi Iraan keessa harka galchinaan haalli ulfaataan uumamuu dand’a jedhan Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagaachii
Ministirichi kana kan dubbatan maree dhimma Niwukileeraa Iraan irratti Turki Istaanbulitti taa’me irratti.
Biyyi isaanii wayita boombiin haleelamaa jirtu kanatti Ameerikaa waliin akka hin mari’annes duubataniiru.
Iraan walitti bu’iinsa kanaa hanaga ammaatti lammiileen ishee 430’n akka duraa ajjeefaman ibsiteetti.
Israa’el kaleessa galgala Ajajaa Iraan komaandar Sa’iid Izaddiin kaaba bahaa biyyattiitti ajjeesuu ishee beeksisteerti.
pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi walittibu’iinsa biyyoota lamaanii keessa biyyi isaanii seenuu fi dhiisuun ishee torban lama keessatti murtii akka argatu ibsan.
Akka odeeffannoo nagenyaa biyya isaaniitti ragaan dhimma Niwukileeraa Iraan ilaallatu dogoggora ta’uu malaa dubbataniiru.
Daayireekterri Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Tulsii Gaabaardi Iraan torbee tokko keessatti Niwuukileera oomishuu akka dandeessu ibsuu isaanii BBCtu gabaase.
Abeel Niwaayiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.