Hojiileen miidiyaa haala yeroofi faayidaa biyyaalessaan murtaa’uu qabu- Obbo Zaadiig Abrahaa
Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)- Miidiyaaleen qabiyyeewwan hojjetan irratti jijjiiramoota hubachuu qabu jedhan Pireezidaantiin Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaa obbo Zaadiig Abrahaan.
Obbo Zaadiig Abrahaan hoggantootaafi ogeeyyii Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif dhimmoota garaagaraarratti leenjii kennaa jiru.
Addunyaan walitti bu’iinsa, jeequmsaafi dhimmoota jijijjiiramoo biroo keessummeessaa jiraachuu kaasanii, faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf seenessa haala qabatamaa biyyaarratti hundaa’uun bu’uuressuun barbaachisaadha jedhan.
Halonni jijijjiiramoo waan ta’aniif miidiyaaleen haala qabatamaa jiru hubachuun qabiyyeewwan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.