Ogeeyyii miidiyaa waliin mariin seenessa waloo uumuuf gumaacha guddaa qaba – Hayyoota
Finfinnee, Waxabajjii 19, 2017 (FMC) – Ogeeyyiin miidiyaa mootummaa waliin walitti dhiyeenyaan mari’achuun seenessa waloo uumuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan hayyoonni miidiyaa fi kominikeeshinii.
Hayyoonni kunneen Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti akka himanitti, marichi miidiyaaleen ajandaawwan misooma biyyaalessaa hojiirra oolchuuf ragaan deggeruun akka dhiyeessaniif haala miiataa kan uumu dha.
Yuunivarsiitii Haramayaatti barsiisaan gaazexeessummaa fi kominikeeshinii obbo Dahinaasawu Shimallis akka jedhanitti mariin kun ciminaa fi qormaatawwan miidiyaalee kan mul’isee dha.
Miidiyaalee naamusa ogummaatiin socho’an deeggaruuf kutannoo mootummaan qabus dinqisiifataniiru.
Yuunivarsiitii Waldiyaatti barsiisaan gaazexeessummaa fi kominikeeshinii Habtaamuu Mulugeetaa gama isaaniin mariin kun karaa dantaa biyyaa fi bilisummaa miidiyaa bu’uureffateen gabaasuuf caalaatti iftoomina kan uumee dha jedhan.
Mariin kun seenessa biyyaalessaa walitti dhiyaate uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabus hubachiisaniiru.
Iyyoonaadaab Andu’alemtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.