Fana: At a Speed of Life!

Fooyya’iinsichi bu’aa eegamu galmeessisaa jira- Obbo Maammoo Mihiratuu

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2017(FMC) – Bulchaan Baankii Biyyaalessaa fooyya’iinsi diinagdee gooroon agarsiistuu hundaanuu bu’aa irraa eegamu galmeessisaa jira jedhan.

Obbo Maammoo Mihiratuun dhimmicha ilaalchisee ibsa kennaniin, fooyya’iinsi diinagdee gooroo guutuun adeemsa jajjabeessaa guddina diinagdee waaraa fiduu dandeessisu galmeessuu kaasaniiru.

Fooyya’iinsi kun gama galii guddisuu, idaa siqsuu, diinagdee gooroo tasgabbaa’aa uumuu, sharafa alaa guddisuufi damee faayinaansii fayyaalessa uumuu akkasumas kaayyoowwan isaa biroo milkeessuun  bu’aaleen argamuu eeran.

Warreen saganticha deeggaran keessaa Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa gabaasa baaseen raawwiin fooyya’iinsa diinagdee gooroo Itiyoophiyaa galma qabameen ol milkeessaa akka jiru mirkaneesseera jedhan.

Fooyya’iinsi kun erga taasifameen booda qaala’iinsi jireenyaa yeroodhaa gara yerootti hir’achaa dhufuus yaadachiisaniiru.

Qaala’iinsi gatii meeshaalee nyaataa %12 gadi ta’uu kan kaasan Obbo Maammoon, xumura bara dhufuurratti qaala’iinsi gatii gara diijiitii tokkootti  hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Kana milkeessuufis oomishtummaa guddisuu, sona dabaluun sirna daldalaa cimsuufi tarkaanfileen biroon akka fudhataman ibsaniiru.

Fooyya’iinsa diinagdee gooroo guutuun tarkaanfiin sirna sharafa alaarratti fudhatame gatiin sharafa alaa gabaan akka murtaa’u taasisuurra darbee sirna sharafa alaa fooyya’aa taasisuu himan.

Gama Kanaan yaa’iinsi sharafa alaa guddachuu eeruun, baatiiwwan 11 darbanitti raawwiin daldala alergii dabaluu ibsaniiru.

Riifoormii sharafa alaan dura daldalli alergii biyyattii Doolaara biiliyoona 3fi miiliyoona 800 akka ture yaadachiisuun, xumura bara baajataa kanatti Doolaara biiliyoona 8 ni gaha jedhan.

Fooyya’iinsichi dhimmoota hedduu hojiirra waan oolcheef bu’aa qabeessa ta’uu kaasanii, gama invastimantii hawwachuunis bu’aa olaanaa argamsiisaa akka jiru dubbataniiru.

Yeroo itti aanitti milkaa’inoota argaman itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.