Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan tokkummaan hojiilee guguddoo hojjetteetti-Dooktar Mangistuu Baqqalaa

Finfinnee,Waxabajjii 26,2017 (FMC)- Ittigaafatamaan Damee Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan Itiyoophiyaan tokkummaan hojiilee guguddoo hojjetteetti jedhan.

Dooktar Mangistuun bulchiinsa magaalaa Asallaatti sagantaa tajaajila lammumma gannaa akka naannoo Oromiyaatti eegalchiisaniiru.

Sagantichi Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa fi bulchiinsa magaalaa Asallaa  waliin ta’uun guyyaa har’aa eegaleera.

Sagantichi Sochii Ispoortii, qulqullinaan magaalaa ,dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magariisaa, mana harka qalleeyyii haaromsuu, dhiigaa arjoomuu fi kanneen biroon eegaluun ibsameera.

Saganticharratti Dooktar Mangistuu Baqqalaa ,Hogganaa Itti aanaa  Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo  Kadir Indaalkaachoo, Kantiibaa Magaalaa Asallaa obbo Simee Tsaggaayee, Bulchaa Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadir, Abbootii Amantii, Abbootii Gadaa fi Haadha siinqee  fi qamooleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.

Obbo Kadir Indaalkaachoon haasawaa taasisaniin, dargaggoonni  aadaafi duudhaa naannolee wal barsiisuun hojiin tajaajila lammummaa akka hojjetamu taasisa jedhan.

Hojii tajaajila lammummaan akka naannoo keenyatti dargaggoota miiliyoona 10 hirmaachisuun ni hojjetama jedhaniiru.

Hojii tajaajila lammummaan hawaasa miiliyoona 27 fayyadamoo  taasisuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.